City

 

 

 
 

Dhaamsa Kabajamoo

Obbo Umar Hussen Sadarkaa Itti-aanaa Pireezidantitti Hoggaana Biiroo Industirii fi Misooma Magaalaa Oromiyaa

 

 

Mootummaan Misoomawwaa Naannoo keenyaa rakkoowwan dinagdee fi hawasummaa naannoo keenyaa keessatti mul’atan haala hiikuun danda’amutti imaammataa fi tarsiimoo misooma magaalaa baafatee hojiirra olchuu isaatiin guddinni biyyaa keenyaa waggoottan Shannan darbaniif guddinni dinagdee abbaa dijitii lama galmaa’u waan danda’eef guddinna dinagdee kana irraa magaaloonni keenya fayyadamtoota ta’anii jiru.

Hiyyuummaa magaaloota keenya keessatti hidda gadii fageefatee ture akkaataa furuun danda’amutti tarsiimoo fi sagantaaleen adda addaa hojiirra olchuudhaaf hojiilee hojjeetamaniin magaaloota keenya keessatti gama hojii dhaaba hojitti galchuu akkasummas misoomaa fi bulchinsaa gaarii mikaneessuutiin bu’aalee hedduun galmaa’anii jiru.

Karoora guddinaa fi Traanisfoormeeshinii Mootummaan baasee hirmanna hawaasa bal’aan hojiitti jijjiira jiru raawwiin waggotan shannan  darban keessa jiru milkaa’inaan xumuramuun  bara karoorra marsa 2ffaa irratti bu’uura dinaagdee biyya keenya qonna irraa gara industiriiti ceesisuuf kallattii qabameen bu’uura cima umuun akka danda’amu gamanumaa hubaachuun ni danda’ama.

Imaammata Misooma Industirii fi Tarsimoo Misooma Magaalaa irratti hunda’uun hojilee Magaaloota keessatti hojjetaman keessa ijoon  bu'uurra misooma magaalaa, Bulchiinsa gaarii mirkanneessu, qulqullinna ijaarsaa fi sadarka isaani eggatan akka ijaaraman gochu. Fi Misooma IMXtti Tarsiimoon Misooma IMX dhimmota lama giddugalleessa godhaachuun kan raawwatamu yommu ta’u, inni tokko, humna Misooma kan ta’an Dargaaggoottaa fi Dubartoota hojii dhaabeyyii baadiiyaa fi Magaalaa keessa jiraniif carraa hojii umuudha.  Quilqullinna fi magaarisuumma magaalaa hordofuun magaallii jireenya ilmaan nama mijatoo fi hawwataa akka ta’an xiyyeefannoo itti kennuun hojjechu dha fi kkf. 

Raawwiin hojii bara karoorra KGT marsa duraa  yeroo yeroon  qaamaa sadarkaa sadarkaan jiru waliin gamagama ture keessatti tarsimoo Muxaannoo gaarii babal’isuu fi sochi Misooma magaalaa  fixan baasuuf hudhaleen sadan magaloota keessatti callaqisan (Rakkoo ilaalchaa, Dandeetii fi Dhiyeesii) ammas dhimmoota xiyyeeffannoo guddaa barbaadan ta’uun hubatameera. Rakkoon kun qabsoo gama hundan gaggeffamuu fi hirmanna ho’aa qaama hunda kan gaafatu dha. bulchinsa gaarii mirkanneessu gama Kenna tajaajila magaaloota keessatti mul’atuun   Ilaalchaa fi gocha kiraa sassabdummaa mul’atan hundee irra maqsuun kan danda’amu jijjiirama ilaalchaa hawaasa bal’aa keessatti karaa itti fufinsa qabun fiduun yoo danda’ames, yeroo amma tajaajila sadarkaa sadarkaan kennamu keessatti hojimaata iftoomina fi itti gaafatamummaa qabu diriirsuun rakkicha xiqeessa adeemuun ni dada’ama.

KGT marsa 2ffaa keessatti dame misooma magaalaa, dame konistirakshinii fi Dame Industiriif xiyyeeffannoon kan kanname yammuu ta’u, bu’uuri Industirii immoo Misooma IMX ta’uun hubatamee miira itti gaafatamummaa fi abbummaan hogganamuu fi raawwatamuu qaba. Akkuma irra dedeebi’amee dubatamaa ture“Hojiin Ijoon Misooma magaalaa carra hojii uumuu, hojii dhaba hirisuu fi bu’uura misooma magaalaa babal’isuu dha”.

Dhuma irratti, Ummannii magaalaa bal’aan naannoo keenya hojii misooma magaalaa fi bulchiinsaa gaarii mirkaneesuuf hirmaannaa oo’aa gochudhaaf waadaa seene dhogoomsuun sochii siyaas dinagdee magaaloota keenyaa jijjirudhaaf taasisuu cimsee akka itti fufuu fi, milkaa’ina karoora KGT marsa 2ffaa kanaa fi Haaroomsa biyya keenyaa sadarkaa off irra hin deebineen itti fufsisu fi nageenyaaf tasgabbii magaaloota keenyaaf xiyyeefannoo kennuun deggaarsa  guddinna biyya keenya fixaan akka baasnu dhaamsa koon dabarsa.

      Galatoomaa!

 
 
 

For More Information about the Burreau you can browse the following website